Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Dhaabbanni gargaarsa namoomaa Caayaa sadarkaa biyyaalessaatti guyyaa ha’aa hundaa’eera.
Dhaabbanni gargaarsa namoomaa Caayaa muul’ata dheeraa hanga Baha Afrikaatti tarkaanfatu qabaachuun hundaa’uu sirna baniinsaarratti eerameera.
Preezdaantiin dhaabbata gargaarsa namoomaa Caayaa Aadde Su’ad Muktaar haasawaa taasisaniin nama taa’anii nama gargaaruun carraadha garuu, amma dubbatamu irratti hin hojjetamne jedhaniiru.
Dhaabbanni gargaarsa namoomaa Caayaa kallattii duraan turee jijjiiruun gocha namoomaarratti xiyyeeffachuuf hundeeffamee kan kaasaan Aadde Suwaad dhimmoota garaagaraa hawaasatti rakkoo ta’aniif fala barbaaduuf hundeeffamu himaniiru.
Sirna hundeeffama dhaabbata gargaarsa namoomaa Caayaa kanarratti hojjettoonni mootummaa,Abbootiin gadaa,Abbootiin Amantaa,Dureeyyiin akka biyyaatti jiraniifi Artiistoonni argamaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.