Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qoricha Covid -19f ‘dexamethasone’ jedhamuuf beekkamtii laate

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qoricha ‘dexamethasone’ jedhamu dhukkubsattoota Covid-19 haala yaaddessaa keessa jiran lubbuu baraaruu danda’uuf beekkamtii laate.
 
Qorichi kun carraa du’uu dhukkubsattoota meeshaa ittiin harganan ykn veentileetarii jala jiran kan hir’isuu ta’uu Daayreektari Olaanaan Ddhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedroos Adhaanoom ibsaniiru.
 
Argannoo kun ummata addunyaaf oduu gammachiisaadha jedhan.
 
Yeroo addunyaan weerara vaayrasii kanaan wallansoo cimaa keessa jirtuutti argannoon kun boqonnaa haaraadha jedhan Dooktar Teedroos Adhaanoom.
 
Qorichi kun qaama sagantaa yaalii qorichoota duraan turan koroonaavaayrasiif dalaguun isaanii yaalamaa jiran keessa isa tokkoodha.
Maddi:-WHO
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment