Dhaabbanni Faayinaansii Idil Addunyaa dameewwan invastimantii mootummaan dursii laatameef deeggaruuf murannoo qabu ibse

Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC)- Dhaabbanni Faayinaansii Idil Addunyaa (IFS) Ityoophiyaa keessaatti kan argamuu dameewwan invastimantii mootummaan dursi laatameef deeggaruuf murannoo qabu ibseera.

Hoggantoonni komishinii invaastimantii Ityoophiyaatti daayreektara dhaabbatichaa Cheek Omaar waliin mari’ataniiru.

Daayreektarichi, dhaabbanni isaanii Ityoophiyaa keessaa kan jiruu mootummaan dursi kan laateef dameewwan invastimantii deeggaruuf murannoo qabu ibsaniiru.

Dabalataniis hoggantoonni dhaabbilee lameenii beeksisaa invaastimantiiwwanii amma jiru, daldalaa fi ijaarsa dameechaan jirurratti  waloon cimsanii hojjechuun waliigaluu ragaan Komishinicharra argamee ni muu’ldhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment