Dhaabbaanni Abbaa Gaar dhaabbilee sadiif beekkamtii laate

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC) – Dhaabbaanni Abbaa Gaar Ityoophiyaa dhaabbilee walga’iinsa odeeffannoorratti raawwii gaarii muul’isan sadiif beekkamtii laateera.

Dhaabbatichi Ministeera Fayyaa, Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaa Misooma Idila Addunyaa (UNDP)f beekkamtii laachuu ibsameera.

Beekkamticha itti aantuun Af yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa aadde Shittaayyee Minaalee dhaabilee kanneeniif gumaachaniiru.

Dhaabbileen kunneen Ityoophiyaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi tatamsa’isa isaa to’achuuf odeeffannoo ummataan ga’uuf gummacha taasiisaniif beekkamtiin kun laatamuu Eegaa olaanaan Dhaabbata Abbaa Gaar Dooktar Indaalee Hayilee ibsaniiru.

Dhaabbileen hundi odeeffannoo sirrii fi qabatamaa hawaasa biraan ga’uuf itti gaafatamummaa isaanii seeraan ba’uu akka qaban itti aantuun Af yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa aadde Shittaayyee Minaalee hubachiisaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

Comments (0)
Add Comment