Dhaaabbilee daawwachiiftotaa waliin ta’uun qabeenya tuurizimii Oromiyaa beeksisuuf hojjetamaa jira-BATO

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC)- Dhaabbilee daawwachiiftota biyya keessaa fi alaa waliin ta’uun qabeenya tuurizimii Naannoon Oromiyaa addunyaatti beeksisuuf hojjetamaa jiraachuun Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa ibse.

Yaa’iin Idilee 1ffaa Waldaan Daawwachiistota Naannoo Oromiyaa gaggeeffameera.

Yaa’ichaarratti Hogganaa Ittaanaan Biirichaa Obbo Daraaraa Katamaan akka ibsanitti, qabeenya tuurizimii misoomsuu fi beeksisuuf gaheen daawwachiiftota tuuristotaa olaanaadha.

Haaluma kanaan dhaaabbilee daawwachiiftotaa biyya keessaa fi alaa waliin ta’uun qabeenya tuurizimii Naannoon Oromiyaa qabdu addunyaatti beeksisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Pireezidaantiin Waldaa Daawwachiiftota Naannoo Oromiyaa Obbo Yittaayyoo Taarikuu gama isaaniin bakkeewwan hawwata tuurizimii tuurtistoota biyya keessaa fi alaa daawwachiisuun galii biyyattii guddisuuf qooda isaanii bahachaa jiraachuu ibsan.

Yaa’icharratti haalota mijaawoo fi hudhaalee damee tuuriizimii naannicha keessatti mul’atan adda baasuun furuun, misoomni turizimii naannichaa caalmaatti guddachuu danda’u irratti bal’inaan mari’atamuun ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment