Demokraatika Riippabliika Koongootti haleellaa qaqqabeen lubbuun namoota 20 darbe

Finfinnee, Caamsaa 10, 2012 (FBC) – Demokraatika Riippabliika Koongootti haleellaa hidhattoonni qaqqabsiisaniin lubbuun namoota 20 darbe.

Haleellaa kaleessa naannoo kaaba baha biyyattiitti qaqqabeen namoota du’aniin ala, 14 ol madaa’aniiru.

Haleellichaan daa’imman, dargaggoonni, dubartoonnii fi maanguddoonni miidhamaniiru.

Humni nagaa kabachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii naannichatti erga muul’ataniin booda hidhattoonni dheeffaniiru.

Buufata humna dhaabbatichaarrattis dhukaasa banuun ibsameera.

Biyyattiitti walitti bu’iinsa mudateen baatii 2 qofatti namoonni kumni dhibbi 2 ol qayee isaanitirraa buqqifamaniiru.

Maddi; Aljaziiraa

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment