Demokraatik Rippaabiliik Koongoon talaallii iboolaa laachuufi

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC)- Demokraatik Rippaabiliik Koongoon talaallii iboolaa lammiilee isheetif laachuufi jedhameera.
Lixaa biyyatti bulchiinsa Kiivuu keessaatti vaayrasiichaan lubbuu namoota 2 darbuurratti hundaa’ee Koongoo bahaatti talaallichi laatamuun akka eegaluu ibsameera.
Biyyattitti dubartoonni umri wagga 42 fi 60 vaayrasichaan lubbuu isaanii dhabaniiru.
Kanarratti hundaa’eeti jiraattota naannichatti argamaniif talaallichi ni laatama jedhameera.
Dubarti yeroo jalqabaaf vaayrasichaan qabamtee waliin hariiroo kan qaban namoonni 161 naannichaatti argamuun isaanii dhaga’aameera.
Vaayrasichi akaakuu iboolaa haara ta’uu fi ta’uu dhabuusaatiin samuudaan fidhatamee qorannoon taasifamaa jira.
Bara Faranjoota 2018 fi 2020 bahaa biyyatti vaayrasichaan lubbuun namoota hedduu darbeera.
Kanaafis vaayrasichaan lubbuun namoota kuma 2 fi 287 darbeera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment