Deggersa tajaajila lammummaaf Birriin miiliyoona 97.5 sassaabuu koreen tajaajila lammummaa Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Eebila 13, 2012 (FBC) – Deggersa tajaajila lammummaaf Birriin miiliyoona 97.5 sassaabuu koreen tajaajila lammummaa Oromiyaa beeksise.

Dhukkubni vaayrasii koroonaa erga biyya seenee as koreewwan addaa addaan dhaabbachuun akkaataa ummanni of eeggachu qabu hubannoo uumuu, tooftaalee dhukkubicha to’achun danda’amu irratti hojjetamaa turee jira.

Haaluma kanan guyyaa har’aas dhaabbilee miti mootummaa, baankotaa fi dhaabbilee gargaarsaa garaagaraa arjoomani jiru.

Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa Birrii miiliyoona 3, Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Birrii miiliyoona 3, Warshaa ujummoo sibila Oromiya Birrii miiliyoona 1.5, Corporeeshini qonna Federaalaa Birrii miiliyoona 1.5 walii gala Birrii miiliyoona 6.5 walitti qabamuu koree tajaajila lammummaa Oromiyaa obboDhaabaa Dabaleetti kennani jiru.

obbo Dhaabaan Akka walii galaatti hanga ammaatti marsaa shanin deggersi meeshaa fi oomishaa Birriin Miiliyoona 97.5 argamuus himuun qaamota deggersa kana taasisan galateeffataniiru.

Comments (0)
Add Comment