Deettaan Ministira Qonnaa Federaalaa Dooktar Mandafiroo Taaddasaa fi obbo Dhaabaa Dabalee jirattoota Aanaa Abuunaa Gindabarat waliin marii’atan

Finfinnee, Amajjii 10, 2013 (FBC ) –Deettaan Ministira Qonnaa Federaalaa Dooktar Mandafiroo Taaddasaa fi obbo Dhaabaa Dabalee jirattoota Aanaa Abuunaa Gindabarat waliin marii’atan.
Deettaan Ministira Qonnaa Federaalaa Dooktar Mandafiroo Taaddasaa fi Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee jiraattoota Godina shawaa lixaa Aanaa Abuunaa Gindabarat waliin marii’ataniiru.
Hojiiwwan misoomaa gara badhaadhinaatti geessuu biyyattiin qabattee jirtu giddu galeeffachuun misoomawwan aanaa kana barbaachisu akkaataa guutuun danda’amurratti Deettaan Ministira Qonnaa Federaalaa Dooktar Mandafiroo Taaddasaa, Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee fi bulchaa bulchiinsa Godina shawaa Lixaa obbo Diriirsaa Waaqumaa bakka argamanitti mariin taasifameera.
Marii kanarratti rakkoo misooma bu’uuraa aanaan kun qabdu, gaaffii yeroo dheeraa kan ta’e rakkoon daandii Giincii Culluxxee furmaata argatus hojiin isaa harkifachaa jiraachuu, daandii karaa Meettaa Roobii jiru asfaaltii akka ta’u, walitti dhufeenya naannoo waliin qabnu cimsuuf daandiin Abbaay qaxxaamuree naannoo Amaaraa geessu akka hojjetamu, daandiin Godina Shawaa Kaabaa waliin walquunnamsiisu akka hojjetamu, Hospitaalli aanichaaf akka ijaarramu, rakkoon ibsaafi bishaani akka furamu, Yuunivarsiiti ifi Kolleejjiin aanichaaf akka dhaabatu, wiirtuun qorannoo qonnaa akka dhaabatu, industiriiwwan gara garaa akka gara aanichaatti dhufu hirmaattoonni cimsanii gaafataniiru.
Gaaffilee jiraattota aanichaarraa dhiyaateef deebii kennameen, rakkoo harkifachuu daandii muudateef haala yeroo biyyattii muudateetti goruudha waan ta’eef amma haalaan kan hordofamu ta’uu, daandiin karaa Meettaa asfaaltii akka ta’u murtaa’uu, akkasumas kan gara naannoo Amaaraa geessullee xumuramuu eeranii, hojiin Hospitaalaa dhaabbata namoonni namootaaf jedhuun hojjetamuuf turee sababa Koronaan adda citee ture amma dhibichi kan badu yoo ta’e dhaabbatichumaan kan itti fufu ta’uu obbo Dhaabaa Dabalee mirkaneessaniiru.
Akka waajjirii kominikeeshinii Aanaa Abuunaa Gindabarat beeksiseetti, daandiin jiraannaan waa hundi jira waan ta’eef daandiin eegalame yoo xumurame dhaabbileen gara garaa gara aanaa kanaa akka dhufanillee eeraniiru.
Obbo Dhaabaan akka jedhanitti akkuma biyyaattuu biyya Godinniyyuu asfaaltii hin qabnetti aanaan asfaaltiin kallattii lamaan keessa qaxxaamuru aanaa kana waan ta’eef carraa gaarii akka ta’e dubbatanii isa arganne kana kunuunfachaa isa hafemmoo obsaan eeggachaa deemuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment