Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FBC)- Yeroo gabaabaa keessatti beekamtii olaanaa kan argate dhaabbatni teeknooloojii Chaayinaa “DeepSeek” sababa haleellaa saayibarii mudateeniin fayyadamtoota haaraa galmeessuu yeroodhaaf akka dhaabe beeksiseera.
Appilikeeshinii Hubannoo Namtolcheen Addunyaa teeknooloojii rifachiise “DeepSeek” tajaajila isaa irratti haleellaan saayibarii cimaan akka isa mudate ibseera.
Moodeelli haaraan hubannoo namtolchee “DeepSeek” erga fayyadamtootaaf dhiyaatee as indaastirii teeknooloojii keessatti xiyyeeffannoo guddaa argateera.
Dhaabbatichi dhaabbilee Ameerikaa kanneen akka “ChatGPT OpenAI” uumee waliin dorgomaa akka jirus ibsameera.
Kana hordofuun appiin fayyadamtoota hedduu hawwate kun sababa haleellaa saayibariitiin maamiloota haaraa simachuu akka dhaabe beeksiseera.
Fayyadamtoonni kanaan dura galmaa’an yeroo marsariiticha seenan rakkoo mudachaa ture furuu isaa Dhaabbatichi ibseera.
‘Deepseek’ ogeeyyii teeknooloojii Chaayinaatiin kan kalaqame yoo ta’u, ‘ChatGPT’ fi dorgomtoota kana fakkaatan waliin walbira qabamee yoo ilaalamu baasii baay’ee gadi aanaadhaan tajaajila kennuu danda’uu isaan fudhatamummaan isaa akka dabale himameera.
Tajaajilli appilikeeshinii kanaa Donaldi Tirumpiin dabalatee namootaa hedduu ajaa’ibsiisuun kan eeramee yoo ta’u Pirezidaantichi “Waamicha dammaqiinsa damichaa” jechuun, dhaabbileen biyyattii keessatti hubannoo namtolchee irratti hojjetan hojii isaanii akka fooyyessan dhaamaniiru.
Simannaa fi jaalatamummaan indaastiricha keessatti argates ilaalcha Ameerikaan dhaabbilee teeknooloojii Chaayinaa irratti qabdu irra deebitee akka sakattaatu taasisuu hin oolu jedhameera.
Odeeffannoon Foorbis baase akka agarsiisutti ‘DeepSeek’ fayyadamtoota Appiliin, App Store irraa baay’inaan buufamuun appilikeeshinii sadarkaa dursa qabate ta’eera.
#Oromia #Ethiopia