Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Tumsaa Misoomaa Fileemiing Moolariin waajjira isaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaa deeggarsa Deeniimaark Ityoophiyaaf taasistu dinqisiifachuun gara fuulduraattis akka itti fuftu gaafataniiru.
Rakkoolee biyyattiitti mudatan furuuf tarkaanfiiwwan mootummaan furmaata waaraa fiduuf fudhachaa jirurratti ibsa taasisaniiru.
Mootummaan deeggarsi namoomaa naannoo Tigraay akka qaqabuuf murtoo dhukaasa dhaabuu murteessuu fi tattaaffiiwwan ergamaa addaa Gamtaa Afrikaa fi Preezdaantii Naajeeriyaa duraanii Oliiseeguun Obaasaanjoon eegalaman galma akka ga’aniif murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’ee hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu, namoonni siyaasaa olaanoon hidhaadhaa hiikamuu fi sarba mirga namoomaa ilaalchisee humni waloo ministirootaa hundaa’uun hojiilee qorannoo hojjechaa jiraachuu addeessaniiru.
Waraana kaaba biyyattiitti uumamee tureenii fi hongeen walqabatee lammiileen deeggarsa namoomaa barbaadan miiliyoonni 20 ol jiraachuu kaasuun, dhaabbileen deeggartootaa idil addunyaa deeggarsa lammiilee kanneeniif taasisan akka guddisan gaafataniiru.
Mootummaan nageenyaan kutannoon hojjechaa jiraatus gareen shororkeessaa ABUT daa’immanii fi namoota umuriin deeman osoo hin hafiin waraanaaf filaa jiraachuu kaasaniiru.
Garichi ammas badii biraaf qophaa’aa jiraachuu fi hawaasni idil addunyaa dhiibbaa irraan ga’uu akka qabu eeraniiru.
Ministira Ministeera Tumsaa Misoomaa Fileemiing Moolariin gamasaaniin, tattaaffiiwwan mootummaan rakkoolee kanneeniif furmaata waaraa kennuuf eegale jajjabeessaa ta’uu dubbataniiru.
Biyyi isaanii michuu Ityoophiyaa yeroo dheeraa ta’uu eeruun, deeggarsa Ityoophiyaaf taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.