Deeksii haaraan filannoorratti qofa hojjetu hundaa’e

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Komishiniin Poolisii Federaalaa rakkoo filannoon walqabatanii ka’an furuuf Deeksii haaraa filannoorratti qofa hojjetu hundeessuu beeksise.
Poolisiin kara bilisa ta’een filannoon dhufu nagaan akka raawwatu itti gaafatamummaa isaa ba’uuf qophii ta’uu ibsameera.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan Ityoophiyaan akka biyyaatti wayita jijjiirrama siyaasaa keessa jirtuutti filannoo gaggeeffamu ta’uu isaan xiyyeeffannoon addaa laatamuufii Itti aanaan Komishinaraa Komishinii Poolisii Federaala Jeneraal Zalaalam Mangisteen ibsaniiru.
Mootummaan lammiileen burjaajiii tokko malee paartii barbaadaan bilisaan akka filataniif haala mijataa uumurratti ejjoonnoo qabaachuu dubbataniiru.
Poolisiin dhiibbaa kamuurraa bilisa ta’uun filannoon dhufu karaa nagaan akka raawwatamu itti gaafatamummaa isaa ba’uuf qophii ta’uu ibsanniru.
Poolisiin Federaalaa dhimma filannoon walqabaturratti komishinoota naannolee fi qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu Jeneraal Zalaalam dubbataniiru.
Yeroo ammaa Deeksiin walabaa dhimma filannoo qofa qoratu hundaa’uu eeraniiru.
Deeksichi hojmaata sadarkaa idila addunyaa eeguun kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Dabalataan manni murtii fi abbaan alangaa hojmaata dhimmoonni filannoo qofti itti keessummaa’uu diriirsuun isaanii filannoon bara kanaa kanneen duraa caalaa bifa addaa ta’een kan gaggeeffamu ta’a jedhan.
Miseensoota Poolisii filannoorratti hojjetaniif hordoffii fi to’annoo cimaan ni taasiifam jedhan Itti aanaan Komishinaraa Komishinii Poolisii Federaala Jeneraal Zalaalam Mangisteen.
Miseensota kanneeniif waraqaan eenyummaa addaa ni qophaa’as jedhan Itti aanaan Komishinaraa Komishinii Poolisii Federaala Jeneraal Zalaalam Mangisteen hawaasa waltajjii marii ‘Addis Wag’ Waajjira Muummee Ministiraatti qophaa’eetti taasiisaniin.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment