Deeggartoonni Baarseloonaa Niikoo Wiiliyaam mallatteessisuuf TikTokiin maallaqa walitti qabuu eegalan

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC) – Deeggartoonni Baarseloonaa kilabichi Niikoo Wiiliyaam qabeenya isaa akka taasiisuuf Akkaawuntii TikTokiin maallaqa walitti buusuu eegalaniiru.

Kilaba Atileetikoo Bilbaa’oof taphata kan jiru dargaggeessi umrii waggaa 22 Niikoo Wiiliyaamsi Cheelsii fi Baarseloonaa dabalatee kilaboota Awurooppaa hedduun barbaadamaa jira.

Deeggartoonni Baarseloonaa Niikoo Wiiliyaamsi akka Waancaa Awurooppaarratti Laamiin Yaamal waliin qindoomina cimaa mul’isan Baarseloonaa keessattis waliin akka qindoomaan kan barbaadan ta’uu eeruun, duula maallaqa walitti buusuu eegaluu Reuters gabaaseera.

Akka gabaa jijjiirraa taphattootaatti gatiin Niikoo Wiiliyaamsi Yuuroo miiliyoona 70 yookaa Doolaara miiliyoona 76.29 yoo ta’uu, Atileetikoo Bilbaa’oon Yuuroo miiliyoona 58 kan kaffalu yoo jiraate taphaticha dabarsee kan kennu ta’uu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment