Deeggarsi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamu cimee itti fufeera

Finfinnee, Eebila 1, 2012 (FBC) –Deeggarsi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamu cimee itti fufeera.
 
Abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen, qaamooleen dhuunfaa fi caasaaleen mootumaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsi taasisaan cimee itti fufeera jedhame.
 
Abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen magaalaa Dirree Daawaa maallaqaa fi meeshaalee birrii miiliyoona 15.5 kennuuf waadaa kan galan yoo ta’u, hanga ammaatti birrii miiliyoona 10.8 galii godhaniiru jedhame.
 
Dhaabbileen ijaarsa Daandii sadarkaa 1ffaa hojii ijaarsaarratti bobbaa’anii argaman 13 weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kan oolu birrii miiliyoona 15.3 deeggarsaan kennaniiru jedhame.
 
Dhaabbiileen kunneen maallaqa kana koree biyyaalessaa maallaqaa fi dhiyeessii walitti qabuuf hundaa’eetti Birriin miiliyoona 14 fi kuma dhibba 5 Cheekiin kan laatan yoo ta’u kan hafa ammoo lakkoofsa heerreegaatti galchuu isaaniitu himame.
 
Baratoonni Ityoophiyaa Hinditti barnootara jiranis weerara kana ittisuuf kan oolu Birrii kuma dhibba 2 fi kuma 50 deeggarsaan taasisaniiru.
Comments (0)
Add Comment