Deeggarsi qindaa’aan horsiisee bultoota Harargee Bahaaf taasifamu cimee itti fufuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Hongee sababa hanqina roobaan aanaalee horsiisee bultootaa godinichaa keessatti mudate furuuf deeggarsi taasifamu cimee itti fufuu Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammed dubbatan.

Ka’umsi hongee roobni yeroo roobuu dhiisuudha eeruun hanga ammattis aanaalee godinichaa adda baafamanittti hanqinni roobaa jiraachuu kaasaniiru.

Kana hordofee miidhaa namaa fi beelladoota irra qaqqabu hambisuuf gama mootummaan deeggarsi horsiisee bultootaaf taasifamaa jiru itti fufuu dubbataniiru.

Waajjiraaleen buusaa gonofaa sadarkaa sadarkaan jiranis rakkoo kanaaf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Dabalataanis deeggarsi gama mootummaan taasifamaa jiru rakkoo horsiisee bultootaa rakkochaaf saaxilaman hundaa guutummaatti waan furuu hindandeenyeef, abbootiin qabeenyaa, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa hirmaachisuun qindoominaan hojjettamaa akka jiru Aadde Miskiin eeraniruu.

Ammas aanaalee horsiisee bultootaa godinichaa keessatti roobni roobnaan sanyiiwwaan filatamoo yeroo gabaaba keessatti gahu danda’an facaasuuf qophii ta’uu himaniru.

Godinni Harargee Bahaa aanaalee 20 qabu keessaa aanaaleen shan aanaalee horsiisee bultootaati.

Hinkoosaa Abdiisaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment