Deeggarsi namoomaa naannoo Tigraayiif akka dhiyaatu tarkaanfii mootummaan fudhate kan dinqisiifatu ta’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Gamtaa Awurooppaa ibse

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Gamtaa Awurooppaa Zhaaneez Leenaarchiichi waliin mari’ataniiru.
Qaamoleen lamaan haala deeggarsa namoomaa irratti mari’ataniiru.
Ityoophiyaan walitti dhufeenya Gamtaa Awurooppaa waliin qabduuf xiyyeeffannoo addaa kan laattuu fi Komishinichaa fi biyyoota miseensa gamtichaa waliin hariiroo gaarii uumuuf hojjechaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniin torbeen deeggarsa namoomaa konkolaattoota 500 naannoo Tigraayiif dhiyeessaa jiru akkuma jirutti ta’ee naannoo Amaaraa fi Afaariif deeggarsi dhiyaatu ariifachuu akka qabu gaafataniiru.
Mootummaan Ityoophiyaan biyyattiitti nageenya waaraa buusuuf tarkaanfii murteessaa fudhataa jiruu fi marii biyyaalessaa hunda hammate gaggeessuuf qophii taasiifamaa jiru ilaalchisee obbo Dammaqaan Komishinar Zhaaneeziif ibsa taasiisaniiru.
Hongee naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti muudateen lammiileen miiliyoonni 24 ol deeggarsa namoomaa kan barbaadan ta’uu himaniiru.
Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Gamtaa Awurooppaa Zhaaneez Leenaarchiichi gama isaaniin tattaaffii deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf taasiifamaa jiru dinqisiifachuun,dhaabbileen deeggartootaa dabalataan boba’aa, maallaqa dheedhii fi meeshaalee biroo naannoo Tigraayiif erguu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa biyyattiitti nageenya buusuuf tattaaffii taasiisaa jiru dinqisiifataniiru.
Komishinarri Komishinii hoggansa Sodaa Balaa Gamtaa Awurooppaa Zhaaneez Leenaarchiichi turtii guyyoota lamaaf Ityoophiyaatti taasiisaniin miidhaa sababa hongeen naannoo Somaaleetti qaqqabe daawwachuu isaanii fi haala dhiyeessii deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay gamaaggamuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment