Deeggarsi namoomaa lammiilee Ityoophiyaa deeggarsa barbaadaniif taasifamu cimee itti fufa-DhMG

Finfinnee, Eebila, 2014 (FBC) – Deeggarsi namoomaa lammiilee Ityoophiyaa deeggarsa barbaadaniif taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon qindeessaa Ityoophiyaa beeksise.

Hogganaan biirichaa Miisheel Saad Ityoophiyaatti lammiileen deeggarsa namoomaa barbaadan hedduun jiraachuu turtii TOI waliin taasisaniin ibsaniiru.

Waggoottan darbanitti sababa waraanaa fi hongeen lammiileen hedduun rakkoof saaxilamuu kaasaniiru.

Gaagga’ama kana salphisuuf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessa Ityoophiyaa mootummaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Biirichi deeggarsa namoomaa lammiilee miiliyoona 22 ol dhaqabsiisuuf Doolaara biiliyoona 3 ol ramadee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Torbanoota lammaan darbanitti lammiilee naannolee Amaaraa fi Afaaritti deeggarsa barbaadaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuu yaadachiisaniiru.

Biirichi lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsi taasisu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment