Finfinnee, Caamsaa 24, 2015 (FBC) – Deeggarsi Namoomaa kaayyoo barbaadameef akka oolu dhaabbilee deeggartootaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksiise.
Komishinich ibsa dhimmicha ilaalchisee baaseen,Waliigalteen Piriitooriyaa lammiilee sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf haala mijataa uumuu himeera.
Mootummaan Ityoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoonaanii fidhaabbilee deeggartootaa biro waliin ta’uun lammiilee rakkoof saaxilamaniif deeggarsa namoomaa tumsaan dhiyeessaa jiraachuu ibseera.
Qaamolee deeggarsa namoomaa kana kaayyoo barbaadameef ala oolchaan seeraaf dhiyeessuuf Mootummaan Ityoophiyaan hoggantoota naannolee waliin xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu mirkaneesseera.
Deeggarsi namoomaa kun lammiilee miidhamaniif karaa sirrii ta’een akka qaqqabuuf hojmaanni to’annoo fi hordoffii diriiree hojjetamaa jiraachuu eereera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.