Deeggarsi mootummaan bakkeewwan hongeen mudatetti taasisaa jiru cimee itti fufa- Komishinar Mitikkuu Kaasaa

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Deeggarsi mootummaan bakkeewwan gammoojjii hongeen mudatetti taasisaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaa ibsan.

Ka’umsi hongee bara kana naannoo Kibbaa fi Kibba Baha Ityoophiyaatti mudate jijjiirama qabeenya qilleensaa Laaliinaa jedhamuun ta’uu ibsaniiru.

Naannoo Orimiyaatti godinaaleen Booranaa, Gujii Bahaa akkasumas iddoowwan gammoojjii Harargee fi Baalee hongee kanaan miidhamuu eeraniiru.

Naannoo Somaaleetti godinaaleen 9 hongechaan miidhamuu kaasaniiru.

Naannoo Uummattoota Kibbaatti bakkeewwan gammoojjii godiinota akka Koonsoo, Gaamoo, Goofaa fi Walaayitaa hongee kanaaf saaxilamuu eeraniiru.

Balaan hongee kun lammiilee miiliyoona 6 ta’anirratti dhiibbaa qaqqabsiisuu himaniiru.

Koreen Ittisaa balaa biyyaalessaa Ittaanaa Muummee Ministeeraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniniin durfamu haala balaa hongee kana dandamachuun danda’amurratti marii taasisuu Komishinar Mitikkuun eeraniiru.

Naannolee hongeen mudatetti koreen gurmaa’insa sadarkaa federaalaa hordofe hundaa’ee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Naannoleetti giddugalawwan qindeessa deebii yeroo ariifachiisaa hundeessuun gara hojiitti galamuu fi gama mootummaa fi sagantaa nyaata addunyaan deeggarsi dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Deeggarsa nyaataan alatti dhiyeessi bishaanii fi tajaajilli waldhaansa namaa fi beelladaa socho’aan kennamaa jiraachuu himaniiru.

Giddugalawwan qindeessa debii yeroo ariifachiisaa naannolee cimsuun sa’aatii 24 akka hojjetanii fi balicha qolachuuf kallattiin kaa’amee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment