Deeggarsi Godina Booranaatti lammiilee hongeen Miidhamaniif taasifamu cimee itti fufuu ibsame

Finfinnee, Onkoleessa 26, 2014 (FBC) – Deeggarsi Godina Booranaatti lammiilee hongeen Miidhamaniif dhaabbilee fi kutaa hawaasaa garaagaraan taasifamu cimee itti fufuu ibsameera.

Waldaan Mana amantaa Ifa Fayyinaa Addunyaa Magaalaa Bishooftuutti argamu, nyaata beelladaa beeli, fi nyaata nama kuntaala 100, walumaatti Birrii kuma dhibba 7,oliin bitee gumaachuu isaa ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun dhaabbanni ‘Elnet Foundation’ jedhamu deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala 100, nyaata beelladaa madalawaa kuntaala 400, Birrii miliyoona 1 fi kuma dhibba 5’niin bitee gumaacheera.

Biiroon Dhimma hojjetaa fi hawaasummaa Oromiyaas deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala 100 taasisuu ibsameera.

Bulchaan Godina Booranaa obbo Jaarsoo Boruu deeggarsa taasifame kana galateeffataniiru.

Hanga ammaatti deeggarsi taasifame miidhaa ga’uu malu hedduu oolchaa jiraachuu himuun, haalli gogiinsaa hammaachaa waan jiruuf deeggarsi taasiifamu cmee itti fufuu akka qabu gaafachuu OBN gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment