Deeggarsi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gara naannoo Tigraayitti imalchiise akka hin jirre mirkanaa’e

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qorichootaa fi galteewwan yaala fayyaa meetirik toonii 95 gara naannoo Tigraayitti akka imalchiisuuf eeyyamni kennamuufis hanga yoonaatti galteewwan yaala fayyaa imalchiisuu kan hin eegalle ta’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksise.

Daayrektarri Olaanaan dhaabbatichaa Dooktar Teedroos Adihaanoom mootummaan qoricha gara naannoo Tigraayitti akka hin imalchiifneef eeyyama nu dhorke jedhanis qaamni dhaabbatichi akka qoricha hin imalchiisne dhorke kan hin jirre ta’uu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa obbo Mitikkuu Kaasaa ibsaniiru.

Kanaan dura eeyyamni akka kennameef osoo beekamuu himanni eeyyama dhorkamne jedhu bu’uura kan hin qabne ta’uu kaasaniiru.

Dhaabbatichi dhiyeessii qorichaa gara naannoo Tigraayitti akka imalchiisuuf akka lakkoofsa faranjootaatti baatii Bitootessaa 14 Ministeera Fayyaarraa eeyyama fudhachuu ibsameera.

Dhaabbatichatti bakka bu’aan Ityoophiyaa eeyyama kennameefiin galteeffachuun xalayaa Bitootessa 15, 2022 Komioshinii Hoggansa Sodaa Balaaf barreesseen Bitootessa 21, 2022 hanga Eebila 20,2022tti dhiyeessii qorichaa gara naannichaatti akka imalchiisu ibsuu yaadachiifameera.

Haata’u malee dhaabbatichi Bitootessa 21, 2022 irraa eegalee guyyoota lamaan darbanitti deeggarsa kamiyyuu gara naannoo Tigraayitti kan hin imalchiifne ta’uu hogganaan Sabquunnamtii Hoggansa Sodaa Balaa obbo Dabbabaa Zawdeen  mirkaneessaniiru.

Maddi:- DhPI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment