Deeggarsi boba’aa yaadame yeroo qabameefitti hojiirra ni oola jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Sirni deeggarsa boba’aa yaadame yeroo qabameefitti hojiirra kan oolu ta’uu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistikii beeksise.

Ministeerri Geejjibaa fi Loojistikii hoggantootaa fi ogeeyyii dame geejjibaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaaf deeggarsa boba’aarratti taasifamuuf jedhu irratti ibsa laateera.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Aadde Daagimaawit Mogas boba’aan sochii diinagdee fi hawaasummaa biyyattii keessatti ga’ee olaanaan kan qabu ta’uu fi haala jiruufi jireenya  hawaasaa waliin  hidhata cimaa qabaachuu eeruun, qorannoo bal’aan taasifamuun konkolaattota tajaajila geejjibaa laataniif deeggarsa boba’aa taasisuuf murtaa’uu yaadachiisaniiru.

Adeemsichaan hanga ammaatti sirna deeggarsa kuufamaa baasuun riifoormiin yeroo ce’umsaa gaggeeffamuu fi hojiirra oolmaa riifoormichaaf haaldureewwan guutamuu ibsuun yeroo qabameef keessatti hojiirra oola jedhaniiru.

Hanga ammaatti waltajjiiwwan hubannoo uumuu konkolaattota taajaajila geejibaa hawaasaa Finfinnee fi tajaajila taaksii magaalaa kennanirratti sirnaa deeggarsa boba’aa biyyaalessaa hojiirra oolchuuf kan yaadamee hubachuu fi appilikeeshinii Ityoo Teeleekoom waliin hojjetamees milkaa’ina sirnichaaf gumaacha olaanaa akka qabuu eerameera.

Kana bu’uureffachuun sirna deeggarsaa boba’aa yaadame yeroo qabameef keessatti hojiirra oolchuuf ogeeyyii fi ittigaafatamtoonni bulchiinsa magaalotaa fi naannolee  gahee isaanii cimsanii akka itti fufan hubachiisuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment