Deeggarsi boba’aa yaadame hojiirraa ooluu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC) – Konkolaattota tajaajila geejiba ummataa kennaan qofaa fayyadamtota kan taasisu deeggarsi boba’aa yaadame har’aa Waxabajjii 29, 2014 irraa eegalee hojiirra ooluu Ministeerri Geejibaa fi Loojistiksi beeksiseera.

Sadarkaa biyyaalessaatti konkolaattota tajaajila geejiba ummataaf kennan deeggarsa boba’aa yaadameen fayyadamtoota akka ta’an, odeeffannoo barbaachisu kennuun karaa Giddugala Gurgurtaa Ityoo Telekomiin galmaa’uun kan yaadatamuudha.

Deeggarsa boba’aa biyyaalessaa yaadame teeknooloojiin deeggaruuf Itiyoo Teelekoomiin appilikeeshiniin kalaqamee tajaajila saffisaa fi amansiisaa kennuu eegaleera.

Bu’uuruma kanaan Teelee Birriin tajaajilicha argachuuf konkolaattonni kumni 160 galmaa’an har’arraa eegalee appilikeeshinicha fayyadamuun ni keessummaa’u jedhameera.

Konkolaattonni tajaajila geejiba ummaataa kennan waggaatti fayyadamni boba’aa isaanii liitiraan tilmamame qo’annoon adda ba’uun, tokkoon tokkoo konkolaattotaa hangi boba’aa fayyadamanii shallagamee tarraa’uun, konkolaattonni qisaasama tokko malee deeggarsi boba’aa akka hojiirraa oolu kan taasisuu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment