Deeggarsa namoomaa warraaqsa dandeettii keessoon uwwisuu jalqabneerra-MMI Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaa hirkattummaa keessa baasuu fi deeggarsa namoomaa warraaqsa dandeettii keessoon uwwisuu jalqabneerra jechuun Ministirri Muummee Ittaanaan Tamasgeen Xurunaan ibsan.

Mannii Maree Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa walg’ii idilee gaggeessaa jira.

Walitti Qabaan Mana Marichaa Obbo Tamasgeen Xurunaa dabalate pireezidaantonni naannolee, kaantiibaawwan, ministiroonnii fi hoggantoonni dhaabbilee garaagaraa hirmaataniiru.

Obbo Tamasgeen haasawaa taasisaniin bulchiinsaa soda balaa Itiyoophiyaa fi deeggarsaa namoomaa biyyaalessaa dandeettii keessoon uwwisuuf imaammanni haaraan hojiirra ooluu beeksisan.

Warraaqsa “Hirkattummaa keessaa haa baanu” jedhu galma imaammatichaa ta’uu hubachiisaniiru.

Balaa mudatu dandeetti keessoon uwwisuun akka barbaachisu eeruun, ittisa balaa duraa, wayita balaattii fi balaan booda hojiilee hojjetamaan akkaataa karoorfameen, haala walsimatuun raawwachuun murteessaa ta’uus akeekaniiru.

Waraaqsa, balaa dandeetti keessoon uwwisuu dandeenya jedhu milkeessuuf haalonni dandeessisan jiraachuu dubbataniiru.

Hirkattummaa jalaa ba’uu fi deeggarsa namoomaa dandeetti keessoon uwwisuuf aadaa fooyya’uu fi kadhaa ciigga’uun akka barbaachisus hubachiisaniiru.

Firehiiwot Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment