Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Ajejaan Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Jeneraal Birihaanuu Juulaan hoggantoota Sagantaa nyaataa Addunyaa waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.
Gorsaa daayreektara olaanaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Gaa’aviin Giramistaat, Ityoophiyaatti Daayreektara sagantichaa Steevan Weer Oomaamoo fi Gorsaa Qindeessaa deeggarsa yeroo hatattamaa dhaabatichaa Maark Goordanii waliin rakkoolee naannoo Tigraayitti muudateen miidhaa qaqqabee fi haala kenniinsa deeggarsa namoomaarraatti mari’ataniiru.
Jeneraal Birihaanuu Juulaan haleellaa gareen Shororkeessaa raayyaa ittisaa Ajaja Kaabbaarraatti raawwate ilaalchisee ibsa laataniiru.
Mootummaan birmadummaa ummataa fi biyyaa kabachiisuuf jecha dirqiin gara olaantummaa seeraa mirkaneessuutti galuu ibsaniiru.
Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu gaggeeffame hordofee lammiilee miidhaman deebisaanii ijaaruuf hojiin dhiyeessii deeggarsa namoomaa xiyyeeffannoon hojjetamaa himaniiru.
Yeroo ammaas deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf haalli mijataan jiraachuu mirkaneessaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.