Deeggarsa namoomaa Ityoophiyaatif Doolaarri biiliyoonni 1 ni barbaachisa- Dhaabbata Mootummoota Gamtooman

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Deeggarsa namoomaa Ityoophiyaatif Doolaarri biiliyoonni 1 kan barbaachisu ta’uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman, mootummaan Ityoophiyaa fi qaamoleen tumsaa akka ifoomsanitti hojii deeggarsa namoomaa bara Faranjootaa 2020 Ityoophiyaatif Doolaarri biiliyoonni 1 kan barbaachisu ta’uun ibsameera.

Odu himaan dhaabbatichaa Steefan Dujeeriik akka beeksisanitti, namoota deeggarsi namoomaa isaan barbaachisaan karoorfame miiliyoona 8.4 keessaa miiliyoonni 7 deeggarsi namoomaa kan isaan barbaachisu jedhaniiru.

Buqqaatiin lammiilee, weerarri dhibee, hanqinni roobaa, balaan lolaa bishaanii, weerarri awwaannisaa ka’umsa sababii deeggarsa namoomaatiin eeramaniiru.

Dhaabbatichi Ityoophiyaatti bara darbe namoota deeggarsa namoomaa barbaadan miiliyoona 8.86 keessaa miiliyoona 8.3 ta’aniif Doolaara Ameerikaa biiliyoona dhibba 3 fi biiliyoona 14 laachuuf hojjechaa tureera.

Maddi; Zhiinwaa

Comments (0)
Add Comment