Deeggarsa ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf taasisnu cimsinee itti fufuu qabna- Aadde Sa’adaa Abdurahmaan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) – Proojeektiin Hidha haaromsaa guddicha Ityoophiyaa mallattoo tokkummaa fi galma badhaadhina biyyaa waan ta’eef tumsa nurraa eegamu taasisuun ijaarsa proojektichaa xumuruu qabna jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurahmaan.

Waltajjii marii deeggarsa Hidha Haaromsaa Guddichaaf taasifamu irratti hoggansii fi hojjettoonni Waajjira Caffee Oromiyaa sadarkaa proojeektichi irra jiru irratti marii taasisuun deeggarsa taasisuun boondii bitachuuf waadaa galaniiru.

Maricha irratti kan argaman Aadde Sa’aadaan, dhaloonni kun gootummaa Adwaa irraa dhaaleen proojeektii seenaa siyaas-diinagdee biyyaa fi Gaanfa Afrikaa jijjiiruu danda’u akkuma jalqabetti xumuuruun seenaa dalaguu qaba jedhaniiru.

Qormaatilee hedduu keessatti injifannoo galmeessaa akkuma dhufne, waan qabnuun Hidha kana deeggaruu qabna kan jedhan Itti Gaafatama Waajjira Caffee Obbo Indaashaw Birhaanuu.

Hooggansii fi hojjettoonni Waajjirichaa deeggarsa maallaqaan taasisaniin cinaatti waan danda’aniin itti fufiinsaan gumaacha irraa eegamu kan raawwatan ta’uus waadaa galuu ragaan waajjira Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment