Deeggarsa boba’aa biyyaalessaa yaadameen jalqabbiiwwan gaarii jiran babal’isuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2014 (FBC) – Konkolaattota tajaajila geejiba ummataa kennan fayyadamtootaa kan taasise hojiirra oolmaa deeggarsaa boba’aa biyyaalessaa yaadameen jalqabbiiwwan gaggaariin jirachuun eerameera.

Koreen Deeggarsaa Boba’aa Biyyaalessaa Yaadamee gamaaggamaa raawwii gaggeesseera.

Deeggarsa bobabaa’aa kana hojiirra oolchuuf waltajjiiwwan hubannoo uumuu, biirolee geejibaa naannolee fi bulchiinsota magaalatti konkolaattota tajaajila geejiba ummataa kennan adda baasuun, konkolaattota miila sadii (Baajaajii) irraa hanga konkolaataa qaxxaamuraa biyyaatti tajaajilicha argachaa jiraachuu eerameera.

Buufataalee boba’aa 615 oliif hubannoo uumuun tajaajilcha kennaa jiraachuu fi appilikeeshiniin hojiirra ooles bu’aa qabeessaa ta’aa jiraachuun gamaa ciminaan kan ilaalame ta’uu ibsameera.

Biiroleen geejibaa naannolee fi bulchinsota magaalaa galmeessuun konkolaattotaa fayyadamtoota tajaajilichaa kuma 186 adda baasuun gara giddugaleessatti ergan keessaa %72 kanneen ta’an Teelee Birriin galmaa’uun odeeffannoo guutuu qabaachuun tajaajilichaa argachuuf ga’uun ibsameera.

Konkolaattonni tokko tokkoo wayita galmeen gaggeeffame hanqina lakkoofsa bilbilaa waan qabaniif tajaailicha argachuu akka hindandeenye, adeemsaa kana sirreessuuf giddugala waamichaa 9719 irratti dhiibbaan uumamuu eerameera.

Koreen qindeessituu kun xumurarratti deeggarsi boba’aa biyyaalessaa Waxabajjii 29, 2014 eegalee ergaa hojirraa oluu jalqabee adeemsonni jiraan sadarkaa gaariirra jiraachuun himameera.

Fuuldurattis, qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundinuu xiyyeeffannaan raawwii caalmaan gaggeessuu akka qabanii fi milkaa’inaalee jiran itti fufsiisuun akka barbaachisu waliigalteerra ga’amuu ragaan Ministeeraa Geejibaa fi Loojistiksiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment