Dawwannaan hojiimaatilee Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii fooyyessuuf kaayyeffate gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Dawwannaan hojiimaatilee Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii fooyyessuuf kaayyeffate gaggeeffamuu ibsame.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa fi hojii raawwachiisaa olaanaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii obbo Saandookaan Dabbabaan sochiilee hojii Paarkii Aay Sii Tii daawwataniiru.

Ga’ee paarkichi Ityoophiyaaf gumaachaa jiru, ijaarsa bu’uuraalee misoomaan haala irra jiru, fooyya’iinsa humnaa fi dhimmoota biroorratti hojii gaggessaan paarkichaa obbo Suuraafeel Shimallis ibsa laataniiru.

Daawwanichi haala paarkichi irra jiru hubachuu fi rakkoolee mudachuu malan akkasumas hojiimaatilee fooyya’uu qabanirratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Ballaxaan ibsuu ragaan korporeechinicharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment