Dargaggootni beekumsaa fi humna isaanii waan gaariif olchuun ijaarasa biyyaa keessaatti gaheesaanii bahachuu qabu- obbo Taayyee Danda’an

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC)- Dargaggootni beekumsaa fi humna isaanii waan gaariif olchuun ijaarasa biyyaa fi hawaasaa keessaatti gaheesaanii bahachuu qabu jedhan Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa obbo Taayyee Danda’an.

Dargaggootni tola ooltummaa fi gaarummaa irratti yuunvarsiitii Jimmaatti leenji’aa turan eebbifamaniiru.

Dargaggootni kan ofii isaanii qofa osoo hin hin ta’in kan hawaasaa ta’uu obbo Taayyeen sirnicharratti ibsaniiru.

Beekumsaa fi humna isaaniitiin waan gaarii raawwachuun ijaarsa biyyaa fi hawaasa keessatti gahee isaanii bahachuu akka qaban dubbataniiru.

Preezdaantiin yuunvarsiitii Jimmaa obbo Jamaal Abbaa Fixaa gamasaaniin, dargaggootni sababaawoo ta’uu fi aadaa hojii cimaa goonfachuun waliigaltee akka biyyaatti taasifamu keessatti qooda fudhachuu akka qaban ibsaniiru.

Dargaggootni guyyaa har’aa eebbifaman guyyottan 45 darbaniif leenjii fudhataa kan turan yoo ta’u yeroo itti aanu keessatti naannoo garagaraa keessa naanna’uun hojii tola ooltummaa kan hojjetan ta’uu  himameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment