Dargaggoota Beenishaangul Gumuz irraa Raayyaa Ittisaatti makamaniif gaggeessaan taasifame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2014 (FBC)- Dargaggoota marsaa 2ffaaf naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Asoosaa fi aanaa addaa Maa’oo fi Koomoo irraa Raayyaa Ittisaatti makamaniif gaggeessaan taasifamuu ibsameera.

Gaggeessaa kanarratti hooggantoota olaanoo naannichaa dabalatee hooggantoonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa, abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa argamuu ibsameera.

Dargaggoonni waamicha biyyaa fudhattanii qooddattoota seenaa kanaa taatan baga gammaddan jedhan Biiroo Ijaarsa Nageenyaa fi Tasgabbii naannichaatti Itti aanaan damee tasgabbii obbo Muusaa Hamiid.

Goota ta’uu fi injifachuuf barumsa leenjiin kennamu sirnaa fi naamusa gaariin hordofuu akka qaban dhaamaniiru.

Gootummaan kan akaakilee fi abaabilee keenyaati jechuun, ilmi gootaa goota waan ta’eef isinis murtoo kana fudhachuu keessaniin gootota ta’uu Raayyaa Ittisa Biyyaatti hoogganaan waajjira Laayizanii Kolonee Taayyee Tolasaa ibsaniiru.

Yeroo diinonni Ityoophiyaa biyya keessaa fi alaa irratti ka’anitti murtoo kana fudhachuu isaaniitiifis galateeffachuu isaanii ragaan koominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment