Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC) – Dargaggoonni yaada waraanaa dhabamsiisuun gara nageenyaatti deebi’uun Badhaadhinaa Ityoophiyaa mirkaneessutu irraa eegama jedhaan Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhimmota waqtaawarratti dargaggoota waliin marii taasiiseera.
Ityoophiyaa Dhiibbaa diinagdee fi xinsammuu keessaa fi alaa irratti baname jabinaa fi tokkummaa ummata isheen injifachuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Dargaggoonni wareegama lubbuu birmadummaa biyyaaf kaffalame yaadachuun tokkummaa, nageenyaa fi Badhaadhina biyyattiif qoola olaanaa ba’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Dargaggoonni Rakkoolee waraana booda muudhachuu danda’an waloon qolachuun guddina biyyattii mirkaneessutu irraa eegama jechuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Marii kanarratti Aadde Adaanach dabalatee Mana maree magaalichaatti waamamaa olaanaan mootummaa obbo Mallas Alemii fi hoggantoonni mootummaa magaalichaa biroo argamaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.