Dargaggoonni Majliisa Finfinneerraa beekamtii argatan, namoota harka qalleeyyidhaaf deeggarsa walitti qabaa jiru

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) – Dargaggoonni Majliisa Finfinneerraa beekamtii argatan, namoota harka qalleeyyidhaaf deeggarsa walitti qabaa jiru.
 
Dargaggoonni kanneen namoota harka qalleeyyii kuma 10 ta’aniif deeggarsa walitti qabaa jiru.
 
Deeggarsichi abbaa warraa tokkoof daakuu kiiloo 10, ruuzii kiiloo 5, makoroonii kiiloo 3, zayita nyaataa liitira 2 fi saamunaa kan dabalatedha.
 
Namoonni deeggarsa gochuu barbaadan Finfinnee naannoo Filuhaa Masjiida Tawfiiq, Qeeraa Masjiida Salaam, Wayraa Safaritti Masjiida Aliyootti laachuu ni danda’a jedhameera.
 
Amma ammaattis deeggarsi abbootii warraa kuma 5f ta’u walitti qabamuun ibsameera.
 
Awwal Abarraa
Comments (0)
Add Comment