Dargaggoonni leenjii hojiirraa xumuran kumni 5 ol eebbifaman

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Dargaggoonni leenjii hojiirraa xumuran kumni 5 ol eebbifamaniiru.

Leenjii kana Biiroon Interpiraayizii fi Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee Baankii Addunyaa waliin ta’uun kennaa turuu ibsameera.

Dargaggoonni leenjii ga’umsaa fi muuxannoo hojiirraa kanarratti hirmaachaa turan kumni 5 fi 193 har’a eebbifamuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Leenjiin marsaa 2ffaas eegaleera.

Dargaggoonni hedduun hojii mataa isaanii ummatanii qabeenya akka horatan taasiisfamuu Itti aanaa Kantibaan Magaalaa Finfinnee Obbo Zhaanxiraar Abbay eeraniiru.

Sagantaan kun marsaa 2ffaan dargaggootaa kuma 15 fayyadamoo kan taasiisu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment