Dargaggoonni jeequmsa uumaan jechuun to’ataman mana murtiin bilisa ba’anis hanga ammaatti gadi hin lakkifamne – KMNI

Finfinnee, Bitootessa 9, 2013 (FBC) – Jimmaa Yuunvarsiitti dargaggoonni jeequmsa uumaan jechuun to’ataman Mana Murtiin bilisa ba’anis hanga ammaatti kan gadi hin lakkifamne ta’uu Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa beeksiise.
Komishinichi Gurraandhala 6, 2013 eegalee to’nnannoo jala kan olaan dargaggoo Mahaammad Deeksiisoo fi kanneen galmee isaa jala jiran adeemsa murtii isaani itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu ibseera.
Dargaggoonni kunneen sirna eebba barattoota Jimmaa Yuunvarsiitirratti jeequmsa kaasaan jechuun shakkamanii to’atamuu himeera.
Manni Murtii aanaa magaalaa Jimmaa Dhaddacha Bitootessa 7, 2013 ooleen dargaggoonni kanneen bilisa ta’uu murteessus hanga ammaatti to’annoo jala jiraachuu Komishinichi ifoomseera.
Komishinichi ajajni Mana Murtii ariitiin hojiirra akka oolu gaafateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment