Finfinnee, Onkoloolessa 1 ,2015(FBC)- Dargaggoonni Ityoophiyaa dippiloomaasii Ashaaraa Magariisaan obbolummaa biyyoota Afrikaa cimsuu qabu jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin.
Dargaggoota tola ooltota Ityoophiyaa biyyoota Afrikaa garaagaraatti imalaniif guyyaa hardhaa gaggeessaan taasifameera.
Imalli dargaggoota kanneenii qaama hariiroo Ityoophiyaan biyyoota ardichaa waliin qabdu haaromsuufi hariiroo mootummoota biyyoota Afrikaa sadarkaa dargaggootaatti uumuuf ta’uu eerameera.
Dargaggoonni kunneen biyyoota Afrikaa 8 keessatti biqiltuu kan dhaaban ta’uu ibsameera.
Imalli dargaggoota kanneenii Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa babal’isuufi obbolummaa cimsuurratti kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.
Sagantaa gaggeessaa dargaggootaa kanarratti argamuun haasawaa kan taasisan Obbo Dammaqaa Makonnin, Ityoophiyaan hoggantuu bilisummaa Afrikaa turuufi yeroo ammaa ammo nageenya kabachiisuun shoora olaanaa ba’achaa jiraachuu kaasuun, fakkeenya bilisummaa Ityoophiyaa Ashaaraa Paan Afrikaanizimii Ashaaraa Magariisaan itti fufsiisuun erga biraadha jedhan.
Sagantaa obbolummaa Afrikaa cimsuuf dargaggoonni Ityoophiyaa biyyoota ollaatti dhaabbii biqiltuu, mariifi daawwannaa ni taasisu.
Dargaggoonni Ityoophiyaa dippiloomaasii Ashaaraa Magariisaan biyyoota Afrikaa bobba’anitti obbolummaa cimsuu qabu jedhaniiru Obbo Dammaqaa Makonnin.
Dargaggoonni 100 ta’an guyyaa boruurraa eegalee biyyoota Afrikaa Sudaan, Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa, Keeniyaa, Jibuutii, Eertiraafi Ruwaandaatti dhaabbii biqiltuu ni taasisu jedhameetu eegama.
Tsaggaayee Wandawasantu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.