Dargaggoonni humna oomishaa ta’uu isaaniitin xiin-sammuu isaaniirratti hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC)- Dargaggoonni humna oomishaa ta’uu isaaniitin xiin-sammuu isaaniirratti hojjetamuu qaba jedhameera.
Magaalaa Jimmaatti mariin hawaasa xiin-sammuu dargaggootaa fi nageenyarratti xiyyeeffate gaggeeffama jira.
Magaalichaatti lakkoofsii dargaggoota lubbuu isaanii ofiin balleessaanii dabalaa jiraachuurratti hundaa’e marichi gaggeeffamaa kan jiru.
Magaalichaatti lubbuu ofi balleessuun dabalaa dhufurraan kan ka’ee dargaggoorra darbee maatiirra dhiibbaan xiin-sammuu fi sodaan qaqqabaa jiraachuu ibasameera.
Yuunvarsiitii Jimmaatti ogeessii dhiibbaa xiin-samuu fi qorqalbii obbo Guutamaa Ahimad, dargaggoonni lubbuu isaanii balleessaan hedduun isaanii dargaggoota umrii waggaa 15 hanga 29 gidduu jiran irratti kan muul’dhatu ta’uu himaniiru.
Dabalataanis dargaggoonni lubbuu isaanii balleessaan keessaa %90 kan ta’aan rakkoo dhibee sammuu kan qabaniidha jedhameera.
Maatiinis haala daa’immaa isaanii hordofuu akka qabanii fi wantii adda gaafa irratti muul’atu deeggarsa oogeessaa akka argataan taasisuu akka qaban ibsameera.
Muuktar Xahaatu gabaase
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment