Finfinnee, Onkololeessa 13, 2014 (FBC)- Dargaggoonni 10 Feesbuukiin wal baran Tamrii Birrii kuma 200 fi kuma 46 olitti tilmaamamu Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisuu ibsame.
Dargaggoonni kunneen “Tamrii galaa gootota keenyaaf” jechuun deeggarsa walitti qabaniin Tamrii Birrii kuma 200 fi kuma 46 olitti tilmaamamuun bituun Raayyaa Ittisaaf dabarsanii kennaniiru.
Dargaggoonni kunneen miidiyaa hawaasaa hojii gaariif itti fayyadamuun deeggarsa taasisaniif walitti qaban deeggarsa Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Asiras Ayyaaleew galateeffataniiru.
Rogeeyyiin miidiyaa duula biyya baraaruuf taasifamuuf miidiyaalee hawaasaa hojii gaariif akka itti fayyadamaniif waamicha dhiyeessaniiru.
Dargaggoonni deeggarsa kana taasisan gama isaaniitiin, Ityoophiyaa baraaruuf itti gaafatamummaa bahachuu danda’an hunda kan ba’atanii fi Raayyaa Ittisaa cina jiraachuu ibsuuf deeggarsicha taasisuu ibsaniiru.
Qidist Abaataatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.