Dargaggoonni duudhaa waloo itti fufsiisuun nageenya biyyaaf qooda isaanii akka ba’an waamichi dhiyaate

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC) – Dargaggoonni duudhaa waloo itti fufsiisuun nageenya biyyaaf qooda isaanii akka ba’an waamichi dhiyaateera.
Ministeerri Nageenyaa Yuunvarsiitii Waachaamoo waliin ta’uun leenjiin tola ooltoota biyyaalessaa marsaa 2ffaa leenjitoota kuma 3 fi 500 laatan eegalameera.
Barattoonni Yuunvarsiitichaa hawaasa waliin ta’uun hojii tajaajila tola ooltummaa hojjechuun isaanii tokkummaa fi duudhaa waloo hir’ataa dhufe deebisuuf shoora olaanaa qabaachuu Ministira Deettaan Ministeera Nageenyaa aadde Warqinash Birruu haasawa baniinsaa jalqabbii leenjichaarratti taasiisaniin ibsaniiru.
Leenjiin kun guyyoota 45f itti fufiinsaan kan laatamu ta’uu ibsameera.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment