Dargaggoonni Ashaaraa Magariisa kaa’uun tokkummaa biyyaaf hojjachuu qabuu- Obbo Abbaaduulaa Gammadaa

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2013 (FBC) Dargaggoonni Ashaaraa Magariisa kaa’uun jaalalaa fi tokkummaa biyyaaf hojjachuu qabuu Walitti qabaan Boordii Waldaa Misooma Oromiyaa Obbo Abbaaduulaa Gammadaa.
Godina Arsii Aanaa Xiyyootti sagantaan sosochii dargaggootaa jedhu, mataa duree ” Itoophiyaa haa uffisnu” jedhu godinichaatti bakka hoggantootni olannoon federaalaa fi naannolee argamaniitti gaggeefame.
Itti Gaafatamaan Wajjira Qonnaa fi qabeenna Uummamaa Godina Arsii Obbo Lammaa Mohammad, Sagantichi karooroora Ashaaraa Magaarisaa qabame milkeessuun cinaatti walittii dhufeenya dargaggootaa cimsuuf gahee guddaa qabaa jedhan.
Walitti qabaan Boordii Waldaa Misooma Oromiyaa Obbo Abbaaduulaa Gammadaa, biyya ijaaruuf dursa sammu dhalootaa irratti hojjatamuu qabaa jedhan.
Hojijn sosochii dargaggootaa naannolee irraa walitti fiduuf jalqabame kunis agarsiiftuu guddoodhaa jedhan.
Ministirrii Giddugala Ijaarsa Sirna Dimokraasii Dr. Alamuu Simees, hojiin yaamicha Ashaara Magarisaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad dabarsan bu’ura godhachuun dargaggoota sosochoosuun Ijaarsa biyyaa fi tokkummaa akka qabaatan tolchuuf hojjatamaa jiraa jedhan.
Muuxannoo kunis naannoleetti akka babal’atus himan Dr. Alamuun.
Saganta kana irrattii dargaggoonni naannolee 10n, Bulchiinsa Magaaloota Finfinnee fi Dirree Dhawaa argamaniru.
Dargaggootni saganticha irratti hirmaatan, carraan kun dargaggootaa walitti fiduuf gahee guddaa qabaachus dubbataniru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kaa’uu kanarratti Ministira Aadaafi Tuurizimii Dr. Hiruut Kaasaaw dabalate anga’oonni biroo argamaniru.
Maddi:-OBN
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment