Dargaggeessa ogummaa hojii mukaan dinqisiifannaa olaanaa horate

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti dargaggeessa ogummaa hojii mukaan dinqisiifannaa olaanaa horate Laayinee Lammaa.

Dhiibbaa Abbaa isaan hojii muka bocuu kan eegale Laayinee Lammaan erga jalqabee waggaa shan lakkoofsisera.

Laayinee Lammaan hojiiwwan mukaa ajaa’ibsiisoo hojjetu karaa miidiyaa hawaasaa Tiktok beeksisuun yeroo gabaabaa keessatti hordoftoota hedduu fi deebii gaarii argachuu isaa ibseera.

Jaalalli mukaaf qabu adda ta’uu kan dubbatu dargaggeessi kun, meeshaaleen mana isaa keessatti itti fayyadaman hundi muka irraa kan hojjetaman ta’uu dubbateera.

Abjuun isaa gara fuula duraa mana barumsaa leenjii hojii ogummaa mukaa banuu ta’uu himeera.

Na’iimaa Sheekaliifaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment