Darbii Maanchuuriyaan 191’ffaa

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)- Kilaboonni Magaalaa Maanchister, Maanchister Siitii fi Maanchister Yuunayitid baniinsa taphaa Waancaa Komuniit Shiildii 2024/25’f waliin morkatu.

Kilaboonni Magaalaa Maanchister, Siitii fi Yuunaayitid miira masaanummaa kubbaa miilaan yeroo jalqabaaf bara 1881 morkii eegalan.

Tapha 190 walarguun Maanchister Yuunayitid yeroo 78, Maanchister Siitiin yeroo 59 wal injifataniiru.

Yeroo 53 ammoo qabxii qooddachuun gargar galan.

Maanchister Yuunayitid keessatti bara leenjisummaa Siir Aleex Farguseen Chaappiman olaantummaa fudhachuun miira darbii Maanchisteer Siitii keessatti qucarsuutti dabalataan kilaboota Ingilaandi warra biroos irraanfachiiseera.

Amma garuu bara leenjisummaa Peep Gaardiyoolaa 2ffaa kan dhalate Maanchisteer Siitiin Magaalaa Maanchisteerii fi kilaboota Pirimeerliigii Ingilaandi biroorratti olaantummaa dhuunfateera.

Beellamni tapha Darbii Maanchuriyaan 191’ffaa har’a sa’aatii 11:00’tti walitti dhufuun morkiin taasisan xiyyeeffannoo addaa argateera.

Tasfaayee Ijjiguutiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment