Dararaa lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa jiraan irra ga’u dhaabsisuuf tumsa hawaasa idila addunyaa waliin ni hojjettama – Ministeerri Dhimma Alaa

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) -Dararaa lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa jiraan irra ga’u dhaabsisuuf Ityoophiyaan hawaasa idila addunyaa waliin kan hojettu ta’uun Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
 
Yaaddoo hawaasni idila addunyaa godaantoota Ityoophiyaa sanada malee Saa’uda Arabiyaa galuun rakkoo hammaataa keessa jiran irratti qabu Ityoophiyaanis kan qooddatu ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa irraa argame ni muul’isa.
 
Haaluma kanaa Miisiiyoonoonni FDRI Lammiilee Ityoophiyaa Riyaadii fi Jiddaa jiraataan haala isaanii itti dhiyeenyaa hordofaa jiraachuu ibsameera.
 
Mootummaan lammiilee sanada malee Yeeman qaxxaamuruun Saa’ud Arabiyaa galuun rakkoo garaagaraaf saaxilaman gara biyyaa deebisuuf mootummaa Saa’ud Arabiyaa fi dhaabbilee idila addunyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraa dubbatameera.
 
Mootummaan Ityoophiyaa qaamoolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun lammiilee Saa’ud Arabiyaa fi giddugala Baha Fagootti dararamaa turuun gara biyyaa deebi’an dhaabuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsameera.
 
baatii Caamsaa bara 2009 eegalee lammiileen Ityoophiyaa kumni dhibbi 4 ol gara biyyaa deebi’uu ragaan ni muul’isa.
 
Baatii kana keessas dhaabbilee garaagaraa waliin qindaa’uun lammiilee kuma 1 ol gara biyyaa deebisuun danda’amuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argame ni agarsiisaa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment