Daneessummaa keenya tokkummaafi nageenya waaraaf-BKO

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)-Daneessummaa keenya gabbisuun tokkummaa fi nageenya waaraatti nuceesisa jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa Ibse.

Biirichi Qaammee 4- ‘Guyyaa Daneessummaa’ ilaalchisuun ibsa baaseen daneessummaan eenyummaa dhugaa Itiyoophiyaan qabdu qabeenya qaalii miidhagummaa keenya olqabee mul’isudha jedheera.

Seenaa, Aadaa, Amantii, Falaasama jiruufi jireenyaa, Afaan, haalli hawaasummaa, dinagdee, siyaasaa akkasumas garaagarummaan haala teessuma lafaa, uumamaa fi qilleensa keenyaa mul’istuuwwan daneessummaa Itiyoophiyaa ta’uu beeksiseera.

Itiyoophiyaan Afaanii, aadaa, seenaa, eenyummaa fi amantiin kan badhaate ta’uu himeera.

Kanaaf, daneessummaa keenya gaarummaaf olchinaan madda badhaadhinaa keenyaa kan ta’e daneessummaa keenya gabbisuun tokkummaafi nageenya waaraatti nu ceesisa jedheera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment