Dandeettiin oomishuu Indaastiriiwwan Oomishaa 60 % qaqqabuu ibsame

Finfinnee, Mudde 17, 2017 (FMC) – Hanqinaalee turan furuun dandeettiin oomishuu Indaastiriiwwan Oomishaa 60% qaqqabuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal ibsan.

Waggoottaan darban hanqinaalee turan furuun Indaastiriiwwan Oomishaa dorgomaa taasiisuuf hojiilee hedduun hojjetamuu Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.

Indaastiriiwwan kunneen gabaa alaaf qofa osoo hin taane gabaa biyya keessafis akka oomishan imaammanni qophaa’ee gara hojiitti galamuu eeraniiru.

Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu hanqinaalee Indaastiriiwwan oomishaa furuun dorgomaa akka ta’an taasiisuu keessatti gumaacha olaanaa bahachuu himaniiru.

Waliigalaan damichi lammiilee kuma 100 fi kuma 56 oliif carraan hojii uumamuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment