Finfinnee, Onkololeessa 20, 2017 (FBC)- Dandeettiin Magaalaa filatamtuu ta’uu Finfinnee yeroo gara yerootti dhugoomaa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Finfinneen Magaalaa sagantaaleen biyyaalessaa fi Idil Addunyaa itti keessummaa’aa turaniidha jedhan.
Dandeettiin Magaalaa filatamtuu ta’uu ishees yeroo gara yerootti dhugoomaa jiraachuu kaasaniiru.
Jiraattota isheef mijattuu ta’uuf imalaa jiraachuu qofa utuu hintaane keessummaa simachuun adda duree akka taatuuf, kenniinsa tajaajilaa qulqullina olaanaa qabu, nageenyaa fi seenaa badhaadhe kan kabaju dhiyeessii tuuriizimii gabbisuuf tattaaffii qindaa’aan qaamolee dhimmichi ilaallatu gidduu murteessadha jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia