Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) – Humna Qilleensaa, Saayibariifi Mekaanaayizdii ammayeessuun dandeettiin lola meeshaa teeknooloojiifi humna namaa muraasaan xumuruu dandeessisu ijaaramuu Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.
Ajajni Mekaanaayizdii ogeeyyii mekaanaayizdii leenjisaa ture guyyaa har’aa eebbisiiseera.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Saganticharratti akka ibsanitti, dandeettii raayyaa ittisaa ogummaafi hidhannoowwan ammayyaan ammayyeessuun danda’ameera.
Itiyoophiyaan qormaatilee yeroo garaagaraatti ishee mudachaa turan wareegama gootota ijoollee isheetiin injifachuu ibsuusaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
Xiin-sammuun injifachuu kun har’as onnee tokkoon tokkoo loltootaa keessa akka jiru kaasaniiru.
Bu’aan eebbifamtoonni ogeeyyii mekaanaayidii argamsiisanis diinonni irra deddeebiin akka itti yaadan kan giodhuufi lola fageenyatti hambisuu kan dandeessisu jedhan.
Dhaabbatichi amala waraanaa addunyaa yeroo ammaa bu’uureffachuun gurmaa’uus kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia