Dandeettii raawwachiisummaa miseensota Caffee cimsuuf leenjiin kenname galtee hojii boriiti- Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Dandeettii raawwachiisummaa miseensota Caffee cimsuuf leenjiin kenname galtee hojii borii ta’uu Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan ibsan.

Miseensoonni Caffee Bara Hojii 6ffaa hubannoo walfakkaataa qabaatanii hojii bakka bu’ummaa ummataa karaa guutuu ta’een hojjechuu akka danda’aniif leenjiin kennamuu fi  bu’aan isaa kan madaalamu fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudhaan ta’uu eeraniiru.

Caffeen hordoffii fi to’annoo gaggeessuun duub-deebii kennuu qofa utuu hin taane, sirni itti gaafatamummaas bu’uura heeraa fi seeraan akka jiraatuuf hojiilee bal’aa hojjechuu qaba jedhan.

Iftoomina hojii isaafi, uwwisa miidiyaan deeggaramee fi  yaada ummataa bal’aan ijaaramee hojjechuu irratti kan argamu ta’uu ibsaniiru.

Miseensoonni Caffee warra ummataaf abdii ta’an malee warra waadaa ummataaf gallee deebisnee nyaannu ta’uu hin qabnu jedhaniiru.

Fayyadamummaa Ummata mirkaneessuuf faayidaa miseensota Caffeef eegamuu qabu guutuun murteessaa ta’uu fi  yeroo itti aanuutti miseensoonni hundi akka mindeeffamanii fi bakka jiranitti haalli mijateefi hojii bakka bu’ummaa ummataa itti dhiyeenyaan akka hojjetaniif haaldureewwan barbaachisan hojjetamaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment