Finfinnee, Sadaasa 16, 2017 (FBC)- Bara baajataa kanatti dandeettii oomishuu oomishtoota qorichaa biyya keessaa %40’n ga’uuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Tajaajilli Dhiyeessii Qorichaa Itiyoophiyaa dorgommii fuuncaa dhiyeessii fayyaa Idil Addunyaa 2024 Leegoos Naayijeeriyaatti gaggeeffamerratti dhiyeessaa ‘keezii’ filatamaa ta’uun badhaafameera.
Waltajjicharratti Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Firehiiwoot Abbaabaan akka ibsanitti, ministeerichi imaammata ittisuu fi wal’aanuu hordofaa jira.
Imaammaticha raawwachiisuuf dhiyeessiin qorichaa murteessa ta’uu eeruun, qorichaalee fi galteewwan wal’aansaa qulqullinaa fi haqa qabeessaan qaqqabamaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Fooyyessii diingdee gooroon dhiyeessii qorichaarratti dhiibbaan akka hinuumneef mootummaan deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaan dura dhiyeessii meeshaalee dheedhiin oomishtoonni biyya keessaa %25 qofaa fayyadamaa ta’aa turuu yaadachiisaniiru.
Yeroo ammaa xiyyeeffannaa kennameen dandeettiin oomishtoota biyya keessaa %36 qaqqabuu fi bara baajataa kanattis %40’n ga’uuf hojjetamaa akka jiru akeekaniiru.
Tajaajilli dhiyeessii qorichaa Itiyoophiyaa %70 ol bittaa fi dhiyeessii qorichaalee ministeerichaa raawwachiisuu fi kan raabsu ta’uu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia