Dandeettii nageenya Uummata keenya hundaaf gaachana ta’uu nu dandeessisu ijaaraa jirra- Komishinar Dammallash Gabramikaa’eel

Finfinnee, Caamsaa 28, 2014 (FBC) – Dandeettii nageenya Uummata keenya hundaaf gaachana ta’uu nu dandeessisu ijaaraa jirra jedhan Ajajaan Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Federaalaa Komishinar Dammallash Gabramikaa’eel.

Sagantaan beekamtii kennuu hoggantoota fi miseensota Poolisii gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Ajajaan Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Federaalaa Komishinar Dammallash Gabramikaa’eel haasawaa taasisaniin, haleellaa diinonni keenya nurratti bananii turan qolachuuf poolisiin Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin qindaa’uun injifannoo galmeessisuu ibsaniiru.

Dandeettiin ittisuu keenyaa guddachaa dhufeera jechuun, dandeettii nageenya Uummata hundaaf gaachana ta’uu dandessisu ijaaraa jiraachuu kaasaniiru.

Sagantaa beekamtii kennuu qopheessuun miseensota poolisii jajjabeessuun barbaachisaa ta’uu fi haaluma kanaan miseensotaa fi hoggantoota raawwii hojii gaarii galmeessisaniif badhaasni kan kennamu ta’uu ibsaniiru.

Fuuldurattis sagantichi naannolee hundatti kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment